KIRISTOSITTI OBBOLEEWWAN EENYU ISAAN?

 

(Who are the Christadelphians?)

 

 

Waaeen namaa fi Yesus kiristos waan hiika qabuu fi salphaatti hubatamuu danda’u tokko jiraachuu isaatti namoonni galateeffatan baay’een jiru. Hanga ammaatti fi bifa jabana kiristaanummaa keessatti yommuu qoratan, waldaalee fi hawaasa bal’aa gosa garaa garaa, bu’uura barumsaa fi shaakalaan hundi adda ta’uu arganiiru. Gareen addaa addaa baay’een garuu maqaa “Kiristaana” jedhu nuuf ta’a jedhanii falmatan jiraachuu isaanitti waliin isaan dha’ee, barbaacha dhugaaf, sochiin godhanis abdii kutachuun isaanitti dhaga’ame.

 

Barruun gabaabduun kunis kan barraa’ef, warreen hawaasa kristositti amanatan irraa ijaaramee jiru “Kiristoositti Obboleewwan” jedhamutti dabalamuuf fedhanii gaafatan hawwachuuf dha, gareen kunis Addunyaa kana irratti iddo adda addaatti argama. Iddoo jiran hundaatti wwaqefannaa dhugaa bu’uura amantii irratti ni jiraata. Bu’uurri amantii isaaniis kutaa Macaafa Qulqulluu kakuu haaraa fi kakuu moofaa qofa dha.

 

 

Waqeeffanaa/michooma/Duuka buutummaa (An Apostolic Fellowship)

 

Hawaasni kun ergama isaaf kaffaltii, badhaasa ykn affeerraa cimaa hin qabu, “Itti gaafatamaa/Gaggeessaa Waldaa” akkasumas koree hoji raawachiiftuu jedhamu hin qabu. Dhimma mana waaqeffannaa isaanii idduma mana waaqeffannaa isaaniitti ofumaan gurmeeffatu fa’us, haalli raawwii isaa akkaaataadhuma kan warra angafaa, yeree kakuu haaraa, miseensonni yommuu dhimma mana waaqeffannaa isaanii raawwachuuf wal ga’an nama gaggeess muuddatanitti ta’a.

 

Wal ga’iinsa “Irbaata Qulqulluu” guyyaa jaiqabaa torbee irratti raawwatu irratti, faaruun, kadhannaa fi kutaa Macaffa Qulqulluu irratti jabeessanii wal gorsuun ni gaggeeffama. Irbaanni Qulqulluun qophaa’es hirmaattota “Obboleewwan” jala qabama. Buusiin, kanneen fedhii qaban irraa ni funaanama. Miseensa waaqeffattoota man asana keessaa tokko quyyaafatee argamee taanaan, akkuma warra jaarraa 1 ffa yeroo kakuu haaraa wal-ga’ii akkasii irratti ta’aa turetti maaltu akka raawwachaa ture ni hubachiifama.

 

Akkuma duuka buutota Yesus jalqabaa, warren ergaa jireenyaa dhaga’uuf fedhii qabanitti ni labsu; ijoollee fi dargaggoota isaanii mana barumsaa Dilbataa fi gurmuu dargaggootaa keessatti ni qajeelfatu. Jireenya amantii fi kadhannaan deeggaru akkasumas abboommota kristoosiif abboomamuu irratti miseensota waliin marii ni gaggeesu.

 

 

Moggaafama Kristoositti Obboleewwan (The Name Christadelphian)

 

Jalqabatti, miseensonni eenyummaa isaanii ittiin adda baasuuf maqaa “Kiristositti obboleewwan” jedhu moggaasaaii ittiin of Waaman. Sababni isaan kana filatanis kristoosiin Obbolummaa (dhiroonnis, dubartoonnis) waan liica jedhu waan tabuuf. Hawassa kanas adda baasuuf waggoota 140 oliif tajaajileera.

 

Bara 1864 irraa laalleen kristositti Obboleewwanis biyya Ingilizii magaalaa Bermingihaammitti ji’a ji’aan maxxanfamee raabsamaa jira. Innis waa’ee iddoolee waaqeffannaa iddoo addaa addaa jiranii odee ffannoo gaarii fi kan odeeffannoo gosa garaa garaa haagaa dhiyeessa. Akkasumas barruulee xixinnoo fo kitaabileen miseensotaa fi hiriyyoota isaanii tajaajilan maxxanfamaa turan. Dhaabbileen amantii kanaa kanneen iddoo adda addaattii argaman immoo misiraachoo dhufaattii mootummaa Waagayyoolabsuu irratti itti gaafatamumman fudhatanii iddoolee waaqeffannaan xixinnoo jiranitti fi tasa hin jirreetti miseensota iddoo waaqeffannaa irraa fagaatamii jiraataniif maccafa ni gaaksama Qulqulluu buu’eeffatee kan qophaa’ee deeggersa waan kennuuf korcan hedduu gaaffilee miseensotaaf deebii fi gochaalee biroof xiyyeeffuaa laatan, Nageenya miseensotaa kan hordofan, miseensummaa hawaasa sana cinatti gochaalee arjoominaa, kan deeggaran, wafgaii adda addaa maana barumsaa Macafaa Qulqulluu Irratti hirmaachuun dargaggoota baay’ee kan Jjabeessan baay’een ijaara manii jiru.

 

 

Bu’uura garaa garumma (A Distinctive Foundation)

 

Garee amnatoota kamilee caalaa kristositti obboleewwaniif xiyyeeffannoon maaliif ta’uuu qabaa? Asittii gaaffileen ka’an, Macaafa Qulqulluu bu’uura godhachuu qabu. Dechii gabaabaanis, barsiisa Macaafa Quqlulluu irratti hubannoon isaani qaban, kaneen garee amantii biro irraa tokko garaa gara. Garaagarumman kunis garra namicha amantii jabaa qabu, waggoota 150 dura “John Thomas” jedhamu irraa burqe Sabbani isaas, yeroo sanatti, amantii kristosii fi duuka buutota isaa kan bakka hin buune yommuu barrsifamu isa mudate. Innis dhugaan Macaafa Qulqulluu keessaa qofa argamuu qaba jedhee, kutaalee Macaafa Qulqulluu dubbisee hunbachuuf, daandii ofii filate irrattis itti gafatamummaa isaa beekee eegale Isa dubbisettis dhumfaa isaa ykn mul’ata tokkollee dabaluuf gaaffii hin dhiyeessine. Dhuma irrattis barsiisa dhufaatii “mootumma Waaqayyoo fi maqaa Yesus Kristos” (Hoj. Egamotaa 5:12) hubachuutti dhufa, kunis Waldaa inni itti miseensomee turee fi gartuuleen amaantii biroon barsiisaa turan qabxiilee ijoo baay’een garaa gara ta’uu hubate. Dadhabiin isaa fi xumurri inni kaa’e deeggartoota kanneen biro ofitti hawwatee amansiiseera. Dhugaan kunis kan Macafa Qulqulluu, isa eaafamuu hin dandeenyee fi ida’ama yaadaa kan hin barbaanne dha. Ilaalcha addaa kristositti obboleewwanii har’aas, bu’aa adeemsaa kanaati.

 

Ka’umsi fi furmaanni rakkoo fi dhuunfaa dhala namaa ifeera naddi walii galtee fi seenaan dhugaa jireenya dhala namaa Macaafa Qulqulluu qofa.

 

 

 

Waaqayyo uummaa fi Abbaa (God, Creator and Father)

 

Uumaan Waaqa fi Laafaa, Waaqayyo akka ta’e Macaafani Qulqulluun kan ibsu, “Mootii bara baraa isa hin dune isa ijaan hin argmne, Waaqayyo tokkicha sanaaf baruma baraan ulfinni fi oqobaan haa ta’u!” (ximotewos 1ffaa 1:17). Ammallee, Afuura Qulqulluun humnii gammachuu isaa ifa, akkaataa karoosaa dhala namaaf qabutti dhimma biyya Tafaa ittiin to’ata. Eennyu – illee isaan gowwomsuu ykn sobuu hin dend’u, akkasumas dhimmamau dhabuu dhala namaan fincila itti fufinsaan, raawwataamaa jiru kana hubatee arguu dada’a. Waaqummaan luuta jedhaa fayyinaafda feega’aa Waaqayyoo ammallee “oo’a-qabeessaa fi araara qabeessa, ariitti seeraaf irra darbaa dha.

 

Akkasumsa gocha fudhatama hin qabneef, cubbuuf ykn yakkaaf adaba qabu” (seera Ba’uu 34:6-7) Ini madaala Kunis hunda irra isa caalu kan uumaa barabaraati. Innis abbaa warren akkaataa sagalee issaati isa barbaadanii itti ta’a. Inni isa barbaadus sagalee isaa isa Macaafa Qulqulluu keessa jiruun qofa isa argata.

 

 

Lafa Jireenya Qulqulloota (The Vital Earth)

 

Macaafani Qulqulluun tasa dharra’a Lafaa fi gocha irratti raawwatuu akka hin qabneetti ilaalchi yeroo ammaa, erratti walii galamee jiru. Ka’umsi ijoon yaaddoo kannaas, bakki jireenya qulqulloota Jannata ta’uu ibsuuf jecha dha. Garuu kun dogoggosa gudda dha. Sababni isaas mul’anni Waaqayyoo dhimma biyya Lafaa fi dhala namaa irra jiru hundaa akka qabu kaayyoon isaa kan agarsiisu. Waaqayyos “Waaqayyo, isa Waaqa (Jannata) uume ...... isa Lafatti bifa godhee uume .... bifa hin qabnee fi onaa akka ta’uuf hin uumne” (R.Isaayas 45:18) jedhee of ibsa.

 

Xiyyeeffannaan kaayyoo Waaqayyoo guutuu biyya Lafaa kanaafi biyyoota irra jiranitti dha. Ogummaa fi hireen Impaayeroota gurguddoo to’annoo Waaqayyoo jala ta’uu, cinqiin Liyya Lafaa, yeroo ammaa, obsa cimaa barbaadu kunii fi furmaata isaa waliin raajameera. Labsii haaraan biyya Lafaa kanatti Waaqayyoon labsames daandii dhalli nama inni hin abboomamne itti akka to’atamuu danda’uuf fiarmaata taa’e dha.

 

Maacaafni Qulqulluun Kitaabilee kanneen “lafa kanaa biro” irraa adda dha. Xiyyooffannoon keesaa jiru, hireen dhala namaa hundaa gochaan kan raawwatuufi amansiisee dha. Akeeekni mulata isaas biyya Lafaaf baldhaa dha. “Akkuma galaanni bishaniin guutamu akkasuma Lafti ulfina Waaqayyoo beekuudhaan ni guutamti” (R. Anbaaqom 2:14) Raajiin kun, waggoota 600 dhaloota kristosin dura raajamus boca Lafaa isa guutuun Macaafa Qulqulluun ibsu bakka bu’a. Guutummaa guutuuttis Addunyaa si’anaa kana waliin tokko dha. Akksumas seenaa pilaaneetii keenyaa keessatti adda dha.

 

Israa’eeliif kaayyoo Waaqayyoo (Israel in God’s Purpose)

 

Namni, Macaafa Qulqulluun of eeggannoon dubbisu, sabni Israa’el kaayyoo waaqayyoo keessatti iddoo gudaa qabaachuu isaanii hin ciicatu. Garuu, namoonni baay’een haala bulchiinsa mmotummaa Israa’el jaaluun yeroo ammaatti yaada kana wal-simsiisuuf itti cimee argama. Akkamittiinis. “Raalli kun wal sumun”. Adeemsi dhala namaa, jaarraalee jalqabaa jireenya isaatti wwaqeffannaa dhugaa isa kan Waaqayyoo dhiisee akka ture, Macaafni Qulqulluun nutty agarsiisa. Kanaafis “Lafti immoo fuula, Waaqayyoo duratti manca’aa ta’ee ...... humnaan wal-irratti ka’uu dhaamis ni guute” (seera uumamaa 6:11) ni jedha. Kunis Waaqayyoo galoo galaanaa akka fidu taasise, dafees darbe, garuu fuula adeemsa dhala namaatti ammas wanti xuraa’ar socho’uu jalqabe Waaqayyoos hawaasa adda ta’e ijaaruuf murteesse. Isa sagalee isaatiin amanamee turu jeehuu dha. Kanaalis, Abraahaamiin filatee, nama amantii kanaaf kakuu hunda caalu isaaffi dhalattoota isaaf gale. Kakichis kana’aan kan isaa fuula dhratti godhamuu isaas in hammata ture (booda paleast aayin ykn Israa’el) akkasumas sababii isaatiin qomoon dhala namaa hundi Lafarra jiru eebifame. (seera uumamaa 12:1-3, 13:14-15)

 

Dhalattoonni Abraahaam biyya Missir (Gibxii) keessaa humna Waaqayyoon baafaman, boodas qomoo biyya kakuu ta’anii hundeeffaman. Achittis, seeraa fi danbii Waaqayyoo Museen isaaniif kenne jalatti jiraatan. Kaayyoon kanas isaan Waaqayyoon jaallatanii tajaajila isaafis dabarsanii of kennuu shaaka lannai, seera Waaqayyoof abboomamuun eebba qabu, immoo isaanirraa qomon biroon arganii akka hawwatan ture. Garuu haala nama gaddisiisuun sabni Israa’el itti fufinsaan, Waaqayyoon waaqessuu dhiisanii waaqa tolfamaa olla isaanii waaqessuutti deebi’an. Waan ta’eefis, biyya isaanii keessaa humna ollaan ari’ataman. Jaarra baay’eefis akkaataa Waaqayyoon akeekkaa hisamaa turanitti. Addunyaa kanaiirra faca’anii gidifamaa turan (seera keessa Deebii 28). Ta’ullee, yeroo diddaa isaanii, Israa’elii fi biyya hormaa keessatti, sagaleen Waaqayyoo isaan eega.

 

Kakuu phaaphassitaa (Promises to the Patriarchs)

 

Waaqayyo kakuu Abrahaamiif gale keessatti qofa miti qomoo israa’eliif xiyyeeffanno qabu, Kan ibsu. Inni “abbaa qomoo/saba/baay’ee”, (seera uumamaa 17:5), ta’ee ture. Ta’uullee, kakuun isaa dhalattoota Isra’eel keessaa addatti inni tokko abbifamuu namoota hundaa mirkaneessuuf hiika ta’aa ture. Waa’een dhalataa kanaas, dursee dubbatamaa tures, Yesus Kristos isa ggoftaa dha. Boodas mooti Israa’el kee’ssaa tokko kan ture haawwitiif kakuun kun ni galame, inni guutuuf jirus Yesus ta’uu fi haalli itti raawwatu immoo “Waaqayyo teessoo abaabilii isaa Daawwit ni kennaaf, mana Yaaqoob irratti bara baraan ni mo’a” (luqaas 1:32-33) jedhee itti dubbateera.

 

Waaqayyo Israa’el irraa kaayyoo waan qabuuf, dhaloota Yesus kristosin dugaa jaarraalee hedduuf giduu galeessa shaakallii amantii guddaa qabanii godhee ture.

 

 

Waa’ee namaa dhugaa jiru (The truth about mankind)

 

Achii gadi dhufa seenaa irraa akka hubannutti, waa’ee mataa fi hiree isaa dhalli namaa gammachuu yaadaan of jajjabeessuu isaati. Sababani isaas fedhii uumamaa, isa keessa isaa jiru sana waan guutamuufiif. Macaafni Qulqulluun garuu waa’ee dhalli namaa yaadaan isa abdatu miti. Waa’ee keenya isa dhugaa ta’e, humnaa fi dadhabina qabnu dha. Kan uumamanes “surraa Waaqayyoon” sammuun yaadus nuuf kennameera kommuu dogoggosa saawwachuu keenya beeknes canof. Ceephasisuu nu dandeessisus humna qalbifachuu waan qabnuuf akkasumas sochii ajireenya keenya irrath murtee dhibbaaa fiduu danda’u fudhachuun keenyas, hawwii qanbu mul’isa. Kunis, humna amala Waaqayyoo calaqqisiisuu danda’u qabna jedhuu dha.

 

Ammaallee, uumamumaan feedhiin guddaa guutamee dhumuu hin dandeenye, keessa keenya nu gaafatu qabna. Kunis, daandii adda addan of bahaarsuuf dhiibbaa gochuu qabeenya guddaa gonfachuun boonu fi kkf dha. Seenaan dhala namaa, daandii raga dhiironnii fi dubartoonni fedhii keessa isaaniif dursa kennani ittiin dhaalamani dha. Bu’aan isaas, wal-dhabdee fi gidiraa ta’uun isaa wan hin oolle dha.

 

 

Namni Du’ayyeessa (Man is mortal)

 

Haalli uumama namaa maaliif amala akkanaa akka qabaatu ta’ee? Sababni isaas, akka dubbii Macaafa Qulqulluutti, Namoonnii isaan jalqabaa filannoon keennamee fi ture, Waaqayyoof abboomamu dhiisanii of gammachiisuu filataa. Gochi isaan raawwatan sunis fincila yommuu ta’u, kanis Macaafa Qulqulluu keessatti cubbuu isa jedhamu ture. Finciichis yeroo murtaa’eef qofa jiraachu fide. Haalli hundaa jireenya namaa keessas du’aan dhumuun isas uumamaa. Du’uun keenyas du’ayyeessa waan taaneef. Isa Macaafni Qulqulluun “adabbii” jedhe sana yoo ofitti deebisnee ilaalle, jiraachuu dhaabuu jechuu dandeenya. Du’ee kan awwaalames, kan waa hin beeknaa fi gidiraan kamillee irra ga’us dhukkubni ollee kan itti hin dhagaamne dha. “Biyyoo Lafa kana keessa ciisa” (Daani’eel 12:2). Lubbuun du’ayyeessa miti akkasumas du’a namaa boodas Jannata keessa jiraata “yaadni jedhu kun yeroo ammaatti babal’ate kan jiru yommuu ta’u, kunis isa namni biroon nanmoota kaan amantii dhuunfaa isaanitti hawwachuuf uuman malee’sa Macaafni Qulqulluun dubbatu miti. Ka’umis yadda kanaas Girikota. Yaanni kunis sababa qabatama irratti kan hin hundoofnee fi barumsa wwaqeffattoota waaqa tof’amaa irraa dura kan harkifame dha. Amnatiin kiristaanota jalqabaa adeemsa Taarraalee darban keessa baay’ee jijjiiramaa dhufuu issaf fakkeenya gaarii nu ta’uu danda’a.

 

Garuu adbiin jira. Innis duunee awwaalamne hafuu dhiisuu keeya dha. Fuul-dura keenyattiss asguuf jiraa.

 

 

Yesus Uumamaan (The nature of Jesus)

 

Waanti bay’ee barbaachnisaan tokko jiru sirriitti hubachuu danda’u namni uumamaan qabu. Innis jireenyi fi du’uun Yesus kristos ubasaayyo nuuf qabu keessaa isa tokko ta’uu ifa gochuun hiika isaaf dhimma akka gidhannu nu dandeessiisa. Wangeelli Luqaas haala itti Yesus dubree Israa’el Maariyaam irraa humna Afuura Qulqulluun dhalatee ture ibsa. Kanaafis karaa haadha isaa dhala namaa ta’ee dhalatee ture. Waan ta’eef, Innis miira uumama qaama Keenyaa guutummaa guutuutti dhaaleera. Sababa ta’eefis “akkuma Keenya qorameera” (Ibroota 4:15) garuu inni ilma Waaqayyoos ture sabaani isaas abbaan isaa Waaqayyo ture, kunis haati isaa kan ulfoofte Afuura Qulqulluu, Waaqayyoon waan tureef, Yesus keessi isaa gammachuu fedhee irra deddeebi’uun isa goreesa ta’ullee tokkoon tokkoon isaanii mo’ateera. Waan ta’eef yaroo dhiphira fudha chhuf Jisu iddoo gammachuutti akka isa baasuuf abbaa isaa gaafachuu danda’e “garuu akka ani jaaladhe utuu hin ta’iin akka ati jaallatte haa ta’u!” (Luqaas 22:41) jedhee labse.

 

Yesus “qulqulluu” waan tureef duuni isaa cubbuuf aarsaa isa dhumaa fannoo irratti ta’ee, “ilaa holicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya Lafaa fuudhu” (Wang. Yohaannis 1:29) jedhame. Qaamni isaas fannoo irraa gad bu’ee awwaalame Waaqayyo garuu nama qulqulluu kana iddoo waara du’aniitti isa hin dhisne, kanaafis foon isaa “tortoraatti kin kennine” (Ergamootaa 2:31). Guyyaa sadaffaattis isa kaase. Kennaan qaama deedi’ee hin dune, gooftaa Yesus kristosif ta’ee “duumis si’achi isa irratti gooftummaa akka hin qabnes” (Roomaa 6:9) ta’e mirga abbaa isaa taa’uufis kannaaf ol ba’e.

 

 

Ilmea utuuhin taane, Ilma Waaqayyo jedhama (Son of God not God the Son)

 

Duuni Yesus, fakkeenya dinqisiisaa badhaasaaf aarsaa of gochu akka hin taane ifa ta’uun, isaa dhimma ijoo baay’ee barbaach isaa dho. Garuu gochichi fakkaahuu danda’us, sirreeffama dogoggora kanaan duraa raawwatam cubbuuf baay’ee waan barbaae hisuuf ta’e lluu wassa cubbamtootoof hin dandamne akka abdii qabaannu taasise.

 

Hubannoon kun, kiristaanummaa isa beekamu keessatti waaqota sadan isa jedhamuuf seerota bu’uuraa ta’un haqa jallatee nama gaddisiisu dha. Kumis qocolloo miseensota waldaa amantii keessatti ta’aa tureen, Yesus ol ba’ee, waggoota 300 booda kan uumame dha. Labsiin seerota bu’uuraa waaqoota sadanii, sagaddoota mana mare kaatolikio jaassee sadaffaa fi afraffaa keessa ibsame maacaafa Qulqulluu keessatti hin argamu. Yaanni “Waaqni ilmaa” duruman ture, jedhu kun gocha Yesus isa baay’ee barbaachisaa ture sana ta’uu isaa dhabamsiisa. Iiti gaafatamummaan jiraachuu fi du’uu, ilma namaa fi Waaqayyoo isa turee ijaa cubbuu isa jalqabaa fi dhumaa hafee, dhugaa mul’atu balleessa.

 

Afuurri Qulqulluunis “qaama” sadaffaa Waaqota sadanii ta’uu, Macaafa Qulqulluu keessatti barraa’ee hin jiru. Garuu human Waaqayyoti, yeroo hundaas to’annoo Waaqayyoo abbaa, darbee immoo Yesus jala jira. Qofaa isaas akka isaanitti tasa socho’uu ykn Wassaffatamuu hin danda’u.

 

Kaayyoo Waaqayyoo kessaa inni ijoon Yesusin gatii baasee dhiirotaa fi dhubartoota cubbuu irra fayyisuuf ta’uu isaa, hubannoo sirri dhalli namaa uumamaan qabaachuu danda’u haaluu ta’a. Dhugan barbaachisaa fi ijoon misiraachoo kan jiru Macaafa Qulqulluu keessa qofa.

 

 

Daabloosii fi seexana (The devil and satan)

 

Waa’ee dhugaa uumama namaa dhugoonsachuun “daabloosii” fi “seexana” Macaafa Qulqulluu keessa hunbachuu irratti guddaa gargaara. Jechoonni kun waa’ee Waaqeffenna waaqa tolfamaa namaa keessatti afuura hamaa, mormii Waaqayyoof kaka’uu fi hamaaf nama qoruu, keessatti yeroo dheeraaf duudhaa turan. Hubannoon beekamaa kunis, Macaafa Qulqulluu keessaa utuu hin ta’iin aadaa waaqessitoota waaqa tolfamaa keessaa bara kiristaanota duraa burge. Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu kaka’umsa Waaqayyoon yommuu barreessan jechoota kana darbanii darbanii fayyadamaniiru. Dhugaaf taanaanis kan jiran iddoo yartuutti kan ‘ibsanis kallatti hamaa namnai uumamaan adeemu qofa. Guutuun Macaafa Qulqulluu, cubbamoonni kufuu isaanii waan biraatti ykn nama adda biraatti akka qabachuu qaban hin ibsu, sabbani isas, ofii raawwaqtan waan ta’eef. Diiinni Waaqayyoos sammuu dhala namaa fi of gammachusuuf hojii raawwatamu dha.

 

Barumsi dhugaan Macaafa Qulqulluu kan waa’ee uumama namaa sodaa daabiloosii fi maddi diina Waaqayyoo eessa akka ta’e nuuf mirkaneessa.

 

 

Misriraachoo (The good news)

 

Namni dadhabina uumamaan qabuu fi akkataatti awwaalamee adabamu Macaafa Qulqulluu yoo ilaallee hubanne saanila ni baasa Sababa ergaan abdii misiraachoon jiruuf kunis dhuma hin ta’u “humna fayyina Waaqayyoo” (Roomaa 1:16) isa cubbuu fi beenyaa isaa nuuf mirkaneessuu Kanaafis, Wangeelli gooftaa Keenya Yesus kristos “misriraachoo” jedhame.

 

Gragaan isaas tokkoon tokkoo dhiirotaa fi dubatootaa “diddiirraa qalbii” bodas kakuu jireenyaatti kan hawwatu dha. Eenyullee adabamuu qabaan fedhii Waaqayyoo miti, pheexiroos duuka buutichis “garuu hunduu qabii diddiirrachuu qabaa”ture. Phaawuloos duuka buutichi diddiirannaa qalbii “Namni hundinuu” dhugaa beekuu bira akka ga’u “ (ximo tewos 1ffaa 2:4) qabu jedhee hiikee ibseera. Waa’ee “dhugooma” kanaas ofii isaatiin mirkaneffa, chuun Waaqayyoo, kritosin gatii baasuun, amamantota waa’ee Waaqayyoof “Yaada duraarra adda akka qabaatan” taasise. Qalbii dhiddiirra huun kan tasa kaka’umsa dabalu utuu hin taane, battaluma fedhamu sanatti raawwatamu dha. Garuu, xiinxala kabajamaa iddoo dhugaan jirutti balleessaa, hojjetameef Waaqayyoo fuula duratti amanuu dhiifamaa fi jirenya isa qajeeltoon abboommota kristos keessatti waliigaluuf murteessuu dha.

 

 

Cuuphaa (Baptism)

 

Yommuu Yaada kana ibsuuf ga’ame amantoonni kristos, yeroo duuka buutummaa keessa turan, guutummaa guutuutti bishaan keessa lixuun “Ni cuuphaman” kanaafis isaan “cuuphaadhaan kristos wajjin awwaalaman” (Qolosaayis 2:12); mallattoo kanaanis fannoo irratti isa waliin ni du’an, akkuma warra du’an keessaa ka’ee jiraataa ta’e isaanis cuuphaa bishaan keessaa “jireenya haaraatti”. Ni ka’an, kunis ulwaagaa amantoota amanamoof jiiu dha. Ulaagaa kanas abbaan taayitaa kamillee jijjiirruu hin danda’u.

 

Waaqayyoo arjummaa fi araara isaatiin warreen ilaalcha kanatti of madaqsan simachuuf qophaa’eera. Innis cubbuu isaanii ni dhiisaaf, waaqessittoota isaattis isaan ni fida. Kanaatis, cubbuudhaan Waaqayyoo iraa nama of dhiibu ta’uu irraa gara amantoota amanamoo abboomaman fi amantaa isaaniin ilmaa fi intala Waaqayyoo ta’uutti dhufama. Akkaataa kakuu Waaqayyoottis jireenya dhuma hin qabne ni dhaalu. Duunillee isaa irratti mo’us, abdii amansiisaa du’aa ka’uu awwaala keessaa yericha deebi’ee dhufu abdachaa du’u. Badhaasni amantii qabaachuus, uumama du’uu hin dandeenye ta’uu fi akkuma Yesus “deebi’anii dudu hin danda’an ergamoota Waaqayyoo fakkaatu malee” (wang Luqas 20:35, 36) jedhetti, yericha Yesus deebi’ee dhufutti yoo Lafarra jiraatanis ykn du’aa ka’anis tajaajiitoonni amanamoon uunama du’aa yessumma irraa jirattummaatti jijjiiramuu badhaafamnu kanas, kutaa kakuu haaraa keessaa “Waaqayyoo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya llafa jaallaatte kun immoo isaatti kan amanu hundinu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haabaduuf miti “wang Yohaanniis 3:16 jedhee nuuf mirkaneessa.

 

Mootummaa Waaqayyoo (The Kingdom of God)

 

Waa’ee uumama namaa dhugaa jiru beeknaan, bulchiinsi mootummaa namaa jaarraalee darban keessatti nagaa dhuma hin qabne biyya Lafaa kaan irratti uumuu dadhabee maaliif akka kufaa ture shakki malee hubachuur danda’ama. Rakkoolee obsuuf sammuun namaa humaan hin qabu. Garuu, jalqabumatti fur moota isaamii macaafui Qulqulluuti kaa’sera dhima Waaqayyoo seenaa keessatti yeroo muteessa ta’uu isaa raajii Macaafa Qulqulluuti. Akkaataa gara biyya Lafaatti deebi’ee dhufuun Yesus, haaluma asi deemetti ta’uu isaa abdii amantoota warreen walii-galameera, jaarraalee jalqabaatti manneen amantii, yeroo abdatanitti Yesus dhufuu dhiisuu isaan itti dhiisanii turan. Ta’ulee dhufuu dhiisuun isaa badhaasni qulqullootaa, yeroo du’an Waaqa (Jannata) seenu kan jedhu kun simatamuu dhiisuu ta’uun isaa yaada ifaa dha.Kakuu haaraan itti fuffinsaan dhufaatii lammataa ejjennoon ibsa, duuka buutonnis barreeffama isaaf walii- galaniiru.

 

Yericha Kristos dhufu ... (When Jesus comes ...)

 

Kaayyoon debi’ee dhufuu kristos Lafa irratti taayitaa Waaqayyoo hundeesuuf dha. Firdiin akka jiru barumsa ifaa biro: Macaafa Qulqulluu turus, amma garuu bal’inaan fudhatama dhabee isa jiru dha. Phaawuloos ergaa isaa gara ximotewositti “Yesus warra jiranii fi du’anitti faraduuf deebi’ee mula’ata mootummaa isaa keessatti” (ximotewos 2ffa 4:1) jedhee barreesseerra. Du’aa ka’uu boodas, tokkoon tokkoo warren misiraachoo mootummaa Waaqayyoo hubatanii amananiif, dannabi Waaqayyoo “gaariis ta’e hamaas akkuma hojjetetti waan isaaf ta’u akka atgatuuf barcuma firdii duratti dhiyaachuuf jira” (Qaronxos 2ffa 5:10)

 

Itti fufees deebi’uu sabaa ni dhufa, warren waamamaniin “yeroon firdii isaa waan ga’eef Waaqayyoon qadaa dha, ulfinas kennaafi “ (Mul Yohaannis 14:7). Macaafni Qulqulluun iddoo ciccannoon hin jirre, ajaja isa bulchiinsi mootummoota baay’ee diduu hin dandeenye fi irraa, barachuuf geefannoo dhiyeeffatan keessatti nu jiraachise. Boodas bifa haaran namoota Lafa kanaaf mootummaa haaraa Waaqayyoo jalatti, kristos mootii akka ta’u baruumsi keennamu ni jalqabe. Yommuu wwaqaummaan Waaqayyoo hubatmee hundis isaaf abboomamu. Nagaa fi haqni namootaa biyya Lafaa kana irratti ni calaqqisa.

 

 

Jireenya duuka buutummaa (The life of discipleship)

 

Akka Macaafni Qulqulluun dhi jiyeessutti lallaba misiraachoo dhufaatii mootummaa Waaqayyoo dhaga’anii amanuun ilaacha kamillee jijjirama ifaa ni fida. Hordofaan kristos inni dhugaan daandii haaraa jireenya ni qabaata. Waaqayyoo fedhee birmaduu isa baasa, akkasum kristos mooti isaa ni ta’a. Mootummaa Waaqayyoo isa kristos deebi’ee dhufee hundeessu sana amanee fudhatee ni eega. Abboommii duuka buutummaa “Goftaadhaaf jedhaati harka warra aboon kennameefii jala of galchaa” (Erg. Pheexiroos 1ffa 2:13), hordofuun abboommoota abbootii taayitaa haala isa Waaqayyoo waliin walatti hin buuneen ni eega kunis ta’uun isaa, dubbiin pheexiroos duuka buutichaa “Nuyi namaaf abboomamuu irra Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira (Hoj. Ergamoota 5:29) waan jedhuuf. Sabin isaallee lolatti seenu, amaantaan dhugaa inni barsiisa kakuu haaraa fudhatee amane motummaa namaaf hin olu. Nama akka isaas balleessuuf hin ka’u. Kristositti obboleewwan humaan waraana biyyaa keessatti hin hirmaataan kunis mootummoota baay’ee birratti ejjennoon amantii isaanii hubatamuun fudhatama argateera.

 

 

Nageenya sammuu argachuu (Peace of Mind)

 

Rakkon gudda garuu jireenya dhuunfaa tokkoon tokkoon amantoota keessa jira. Gammachuu ulfina fi doqnummee ofiitiif ijaan roora’uun isaan jireenya hawaasummaa keesatti, kanneen mul’atanii nuuf dhugoomsani dha. Namni fakkeen yummaa Yesus kristos arjooma guddaa dhiifamuu cubbuu fi gaggeessummaa Waaqayyoo biraa argateen, isa inni fedhii uumamaan jiru kana dhiisee isa kan Waaqayyoo raawwachea turuu utuu beekael, duka buutonni Yesus jaalala, nagaa fi gaarummaa isaa waarreen kaaniif fedhuun dabarsuu, dhugaa dubbachuu fi qalbiin deddebi’a turuu isaanii sochii hundaa keessatti utuu hunbatuu, ta’ullee, garuu kan hin jirre, kan yaadaan, yeroo hundaa akka miccaaru fi , akka milkaa’uu fi dadhabina namaaf idea baasuu hin dandeenye hubachuu bara linqii kana keessatti nagaa fi tasgabbii mijuu ni kenna.

 

Akkaataa dubbii Macaafa Qulqulluutti bassi mootummaa namaa amma jiru kun kufuuf adeemaa jiraachuu isaa kristositti obboleewwanis beeku. Hubannaa barrsiisa dhugaa Macaafa Qulqulluufis ammallee yeroo kana keessatti hunda ni affeeru. Inni “dhugaa jiru” hubates, amanuun ilaalcha haaraa jireenya dhuunfaa fi Addunyaa walii-galaa irratti argamu dinqisiifachuun gaaffii hin oolu. Gammachuus ta’e gaddi jireenya keessatti isa mudates, haaluma dhufaatii isaatti, aarsaa barbaachisu dhiheessuun wal’aansoo qabuuf cimaa ta’a. Humnaa fi sagalee dhugaa Waaqa yyoon amantiia isaa ni goigama-haagoyyo isa abbaa dhi fumaa fi Yesus isaaf dhaabaachuu isaa itti fufinsaan wabii godhata. Jireenya amantaa fi tajaajila kana keessatti michoota warren amantii isaa fakkaatu qaban irraa jajjabina ni argata. Waaqayyoo ammallee mootumma isaatiif namoota ni waanna waan ta’eef, boodni kee deebii kee irratti hundaa’a!