Ergama Macaafa Qulqulluu Kiristrositti Obboleewwanii (Christadelphian Bible Mission)

BU’UURA DHUGAA MACAAFA QULQULLUU

 

Dhugumaan Waaqayyo “Waaqota Sadanii?”

IS GOD A TRINITY?

 

WALITTI DHUFEENYA WAAQAYYOO FI YESUS GIDDUU JIRU HUBACHUU

(UNDERSTANDING THE RELATIONSHIP BETWEEN GOD AND JESUS)

 

 

Battala barreeffaama gabaabduu kana dubbislanitti gaaffilee armaan gadiif deebii ni aragattu.

 

Walitti dhufeenya Waaqayyoo fi Yesus gidduu jiru maali?

Wangeela misiraachoo dhufaatii keessatti, Yesus eenyu jedhamee waamamaa turee?

Yesus maaliif Waaqayyo ta’uu hin danda’uu?

Afuurri Qulqulluun, maali ykn eenyu?

Walitti dhufeenyi Waaqayyo fi Yesus gidduu jiru fuula durattoo maal ta’aa?

 

 

1. Walitti dhufeenyi Waaqayyoo fi Yesus gidduu jiru malii? (What is the relationship between God and Jesus?)

 

Walitti dhufeenyi Waaqayyoo fi Yesus gidduu jiru, Macaafa Qulqulluu keessaa kutaaleen baay’een, Yesus ilma Waaqayyoo, Waaqayyo immoo abbaa Yesus kristos akka ta’e dha, Kan barsiisu. Ergamichis Maariyaamiin kunoo, in ulfoofta, ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasii! Inni guddaa ni ta’a. ilma abbaa jedhamee ni waamama” (Luqaas 1:31-32) jedhee itti mul’atee dubbateera. Cuuphaa Yesus irrattis “Inni kun ilma koo isa jaalatamaa dha, gammachuun koos isatti ni raawwatama” (Maatiyoos 3:17) jedhee Sagaleen Waaqa irraa dubbate. Abbaan kamillee mucaa isaa, isa abboomamaatti ni gammada. Garuu kan Waaqayyoo kanarraa adda ta’us, akkuma abbaan ilma isaa waliin qaama tokkicha ta’uu hin dandeenye, Waaqayyos ilma isaa Yesus waliin qaama tokkicha miti.

 

Yesus irraa, ifni ulfina Waaqayyoo ni calaqqisa akkuma jiruttis abbaa isaa fakkachuun isaa (Ibroota 1:3) keessatti ifeera. Fuullee (Daawwiti) yeroo of dura qabnu, of argina, inni nuyi arginu sun, fakkii qaama keenyaa, calaqqee ifaan uumame dha malee, qaamni sun nuyi miti. Haaluma kanaan ifni Waaqayyoo Yesus irraa dhala namaatti calaqqisa malee, Yesus fi Waaqayyo qaama tokkicha miti. Abbaan, ijoollee isaa dursee jiraachuun dhugaa haalamuu hin yaalamne. Waaqayyos ilma isaa Yesus dursee turuu ni mala, tures, yeroo hundaas jira, Yesus garuu qaamaan (le’iin) hin turre, Pheexiroosis kanuma “Yesus uumamuu biyya Lafaan dura ‘yaadan qabamee’ garuu dhuma barichaatti immoo isiniif jedhee mul’ifame”. (Pheexiroos 1ffa 1:20) jedhee nuuf mirkaneessa.

 

Dhalachuu isaatiin dura, Yesus hin turre, Dhalachuun isaas “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya Lafaa jaallate. Kun immoo isatti kan amanu hundinu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti” kan ture (Yohaannis 3:16) “Ilma isaa, Waaqayyo” dabarsee nuuf kenne isa jedhu keessatti jechi ilma jedhu, jecha biraa ibsu qabaaree? Akkuma Waaqayyo “ilma koo, isa jaalatamaa” Yesusiin jedhu, Yesus immoo irra daddebi’ee Waaqayyoon, “abbaa koo” jedhee waameera. “Amma gara abbaa koo nan deema, abbaan na caala’oo” (Yohaannis 14:28) jedhee, Waaqayyo isa caaluu isaa eega ibsee akkamittinis Waaqayyoo fi Yesus tokko ta’uree?

 

Yesus, guyyicha ykn yericha dhumaa yoom akka ta’e gaafatamee, “Guyyicha ykn yericha sana, garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ilmis eenyu illee” (Maarqos 13:32) jedhee akka hin beekne ibseera. Egaa, Waaqayyo beekee, Yesus immoo wallaalee akkamittiin tokko ta’uu danda’uree? Du’aa ka’uu isaatiin booda, Yesus “Ani gara abbaa kootti fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba’a (Yohaannis 20:12) jedhee dubbatameera. Akkasumas Phaawuloos “Waaqayyoo fi abbaa Goftaa keenya Yesus Kiristoos” (Qoronxoos isa 2 ffaa 11:31) jedhee Waaqayyoon waameera. Phaawuloosii fi Yohaannis duuka buutonni walitti dhufeenya Waaqayyoo fi Yesuus gidduu jiru hubatanii Phawuloosis “Kiristoos mataa tokko tokkoo dhiiraa Waaqayyo immoo mataa Kiristoos” (Qoronxoos 1ffaa 11:3) ta’uu dubbateera. Yesuus jalqabatti jiraataa akkuma ta’etti yeroo ammaatti Waaqa (Jannata) jira ta’ullee ammallee

 

Waaqayyoon qixa miti. Dhugaaf taanaan, Yesuus ammallee nama, Waaqayyo miti kanas Phawuloos “Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoof nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kiristoos isa nama ta’ee mul’ate dha (Ximotewos 1ffaa 2:5) dubbateen nuuf mirkaneessa waan ta’eefis gonkumaa Waaqayyo “waaqayyo ilmaa” jedhamees hin waamamu. Yohannis “Namni, Yesus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa amanee yoo beeksise Waaqayyo isa keessa inni Waaqayyo keessa in jiraata” (Ergaa Yohannis 4:15) jedhee dhaameera. Kutaalee Macaafa Qulqulluu armaan olitti ilaalle hunda keessatti “Yesus ilma Waaqayyoo” ta’uu isaa hubaneerra dhugaan jirus isa kana.

 

2. Wangeela Misiraachoo dhufaatii keessatti Yesus eenyu jedhamee waamamaa turee? (What is Jesus called in the Gospels?)

 

Wangeela (Maatiyoos Maarqoos, Luqaasi fi Yohannis) keessatti irra dedebi’ame “Yesus”, “kristos”, “Gooftaa” fi “Barsiisaa” jedhamee waamameera.

 

Akkasumas

a) Si’a 81, Ilma Namaa

b) Si’a 27, Ilma Waaqayyoo

c) Si’a 17, Ilma Daawwit

d) Si’a 8, Ilma Jaallatamaa, jedhamee wamameera.

 

Nama foonii irraa dhalachuun isaa “Ilma namaa” isa jechisiiseera, Abbaan isaa Waaqayyo ta’uun “Ilma Waqaayyoo” isa jechsiiseera, Sanyi Daawwit keessa tokko ta’uu isaa fi biyya lafaatti deeb’ee dhufee teessoo mootii mootummaa Daawwit irra mootii ta’ee taa’uuf eegamuun isaa immoo “Ilma Daawwit” isa jechisiiseera akasumas Waaqayyo abba isaaf ajajamaa ta’uu isaatiif immoo “Ilma jaallatamaa” isa jechiisiiseera. Wabiilee Macaafa Qulqulluu keessa 133 armaan olitti eeraman hundaa keessatti, Yesus ilma jedhee waamamuu isaa nuuf ibsa, kunis, Inni, Waaqayyo abbaa irraa ifatti adda akka ta’e nu hubachiisa. Kanas, amannee fudhachuu qabna.

 

 

3. Yesus Maaliif Waaqayyo Ta’uu hin danda’uu? (Why cannot Jesus be God?)

 

Kaayyoon Waaqayyoo fi Yesus tokko ta’uullee, hojii adda addaa qabu. Waaqayyo, Addaamiif filannoo jireenyaa kenne turus, Addaam garuu Waaqayyoof abboomamu dide cubbame. Waan ta’eefiis, tokkoo tokkoo sanyii dhala namaaf duuni ta’e fayyina fiduuf, namtichi qulqulluun ni ergama gara Waaqayyoottis, nama in deebisa. Namtichis Yesus Kristos dha. (Qoronxins 1ffaa 15:20-23, 42- 49). Waaqayyoo qulqulluu fi jiraataa dha; waan ta’eefis, hojii kana raawwachuu hin danda’u. Waaqayyoo hamaa gochuus hin danda’u. (Ergaa Yaaqob. 1:13). Garuu, Yesus du’eera, qorameera akkasumas cubbuu hin rawwaanne malee cubbamuufis dand’a ture (Ibroota 2:18, 4:15). Biyyi lafaa isaan haa faayyuuf, Waaqayyoo ilma isaa dabarsee nuuf kenne. (Yohaannis 3:17). “Waaqayyo garuu utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, kristos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaaallate in agarsiisa. Kanaafis amma nuyi dhiiga isaa, isa dhangala’een qajeeltoota erga taane, hammam caalaatti isumaan immoo dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf jirra” (Gara Warra. Roomaatti 5:8-9) Waaqayyoo cubamuus ykn du’uus hin danda’u kanaaf, inni yesus kirirstoiin, isa nuuf du’een fayyina fideera. Yesus cubbamuu hin dand’u utuu ta’ee, cubbuu injifachuun isaa hiika hin qabaatu ture sababa kanaafis, ‘waaqota sadan” isa jedhamu sanaaf, Yesus miseensomuu hin danda’u.

 

 

4. Afuurri Qulqulluun maali?, ykn eenyu? (Who or what is the holy sprit?)

 

Waaqayyoo fi Yesus “waaqota sadan” kessaa miseensota isaan lamaan akka hin taane amma beeknee jirra. Kanaaf Afuurri Qulqulluunis tuuta hin jirre tokkoof qaama isa sadaffaa (miseensa) ta’uu hin danda’u. “Afuurri Qulqulluun, le’ii (qaama ijaan argamu) utuu hin taane, humna Waaqayyo hoji-maata ittiin to’atu ta’uu” isaa Macaafni Qulqulluun in ibsa, akkasumaas Waaqayyoo humna isaa in to’ata. Ergamichi Maariyaamiin “Afuurri Qulqulluun si irra in bu’a, humni abbaas si golbooba, kanaafis mucichi sirraa dhalatu kun Qulqulluu fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.” (Luqaas 1:35) jedhee dubbateera.Waaqayyo, Yesusin, ilma isaaqaamaan fiduuf humna isaa Afuura Qulqulluu fayyadameera. Dhugaa ibsama kanas, salphaatti hunbachuun in fayyadamera. Dhugaa ibsame kanas, salphaatti hubachuun in danda’ama.

 

 

5. Walitti dhufeeny Waaqayyoo fi Yesus gidduu jiru fuula durattoo, maal ta’aa? (What will be the relationship between God and Jesus in the future?)

 

Yesus ammallee, jiraataa ta’us gaheern hojii isaa kan Waaqayyoo irraa adda dha. Yesusin, Waaqayyo dhiyootti gara biyya lafaatti deebisee in erga (Zakkaariyaas 9:9-10, Maatiyoos 25:31).Yesusis mootummicha dabarsee harka Waaqayyo abbaatti hamma kennutti in mo’a. Yesus jalqabatti ilma Waaqayyoo jiraataa akkuma ta’etti Waaqayyo jala in gala……. “Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta’a” (Qoronxoos 1ffaa 15; 23-26) Yesus yeroo deebi’ee dhufu, jireenya bara baraa eebbifamnee hirmaattuu mootummaa Waaqayyoo ta’uu akka dandeenyuuf Sagalee Waaqayyoo amanuu fi abboommii isaa eeguu, Qabeenyi Keenya gatiin illee hin argamne, kennaa dinqii Waaqayyoo “tokkicha ilma isa” nuuf kenne ta’uu fi Hojii Yesus “isa unuuf du’e” sanaaf safuu kennu qabna. Yesus qabamuu isatiin dura, dhuma irraati bartoota isaatiif “si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus krirstosiin isa ati ergite beekuun isaanii jireenya bara baraati” jedhee kadhateera.

 

 

KUTAALEEN MACAAFA QULQULLUU MARTI BAREEFFAMA KANA IRRATTI EERAMAN “HIIKA HAARAA” IRRAA FUDHATAMAN

 

Barsiisa Macaafa Qulqulluu “Kristoositti Obboleewwanii” Caalaatti Hordofuu Yoo feetan nu Quunnamuu Dandeessu

 

Kiristoositti Obboleewwan

Lakkoofsa Sanduuqa Poostaa 573

Naqamtee

Itoophiyaa

http://www.cbm.org.uk/wp-content/uploads/2018/01/is-god-a-trinity.pdf