Ergama macaafa Qulqulluukiristosiitti Obboleewwanii

BU’UURA DHUGAA MACAAFA QULQULLUU

 

Cuuphaa

HIIKAAFI BABAACHUUMMAA ISAA

Baptism – its meaning and importance

 

 

Barreeffama gabaabaa kana yommuu dubbistu, deebii gaaffilee armaan adii in argatta .

 

1. Duuka buutoni yesus kristos cuuphamanii turanii?

2. Waa’ee cuuphaa, Macaafni qulqullaan maal jedhaa?

3. Cuuphaan Maali?

4.Maalifaa cuuphamuu barbaade?

5.Maalifan abboommi Waaqayyoof, abboomamuu qabaa?

6. Amma maal yoon raawwadhe, mootummaa Waaqayyoo keessatti bara baraan jireenya gammachuu hirmaachuu danda’aa?

 

 

1. DUUKA BUUTONNI YESUS KRISTOS CUUPHAMANII TURANII?

 

Eyye, cuuphamanii turan. Yesus isaan waan abboomeef. Abboommota inni isaan cabboome keessaas tokko ture. Namoonni Yesusitti fi barsiisa isatti amamuu, cuuphamuun agarsiisa turan.. Kanneen haaraan Waaqayyotti deebi’anis, garee namootta addaattii miseensummaan dabalamu, duuka buutummaa Yesusittis dhufu, sagalee Waaqayyoos lallabaa, gara biyya lafaa deebi’a dhufuu Yesus kristosis in eegu. Nanmi miseensa humna waraanaa ta’e tokko, ajaja hogganaa isaa yoo raawwachuu dide, maaltu akka irra ga’u tilmaamu dandeessaa? Gaggeessan kiristaanotaa, Yessus Kristoslsin yoo na jaallattan abboomota koo in eegdu” (W. Yohaannis 14:15) jedheerahoo. Barsiisa misraachoo dhufaatii mootummaa WaaqayyooNamni amane, namni cuphames in fayya” (W.Maarqos 16:16) jedheera kan Yesus ta’uu yoo barbaanno isatti amamuu qabna. Cuuphaan, abboommii Yesus kristos jireenya fayyisu dha. Filiphoosis amanee, Sanaariyaa keesatti namootatti lallabeAmma garuu namoonni kun Filiphoos waa’ee mootummaa Waaqayyootii fi maqaa Yesus kristos mispaachoo yommuu isaaniitii lallabe, amananii, dhiironnis dubartoonnis in cuuphaman” (H. Ergamootaa 8:12) Bara kakuu haaraas, raawwiin ergaa amantii cuuphaadhaan in hordofama ture.

 

 

2. WAA’EE CUUPHAA, MACAAFNI QULQULLAAN MAAL JEDHAA?

 

Yeroo ammaatti Waldaaleen amantii baay’een mataa daa’imaanii irratti bishaan firfirsuun cuuphaa raawachuu isaanii ibsu. Garuu kun cuphaa isa kan macaafa qulqulluu miti macaafni qulqulluun cuuphaan kan ga’eessota dhiirotaa fi dubartootaa of eegannoon filachuu danda’ani ta’uu qofa dubbata. Abbommii Gooftaa yesus kiristos rawachuufis hin cuuphamu guutummaa guututti bishaan keessa lixuunis akka rawatamaa tures Macaafni Qulqullun in ibsa Fakkeenyi gaariin kana dhugoomsus H.Ergamoota 8 keessatti ifeera. Namichi Itophiyaa sun yommuu Filiphos waliin tureFiliphos waa’ee Yesus misiraachoo itti himuutti ka’e, “(Lakk 35) Haasaa isaanii irrattis shakkiin hin turre. Lamaan isaaniiyyuu deemsaaf bishaan qabatanii turan. Filiphoos namicha cuuphuuf mataa isaa irratti bishaan firfirsuutu salphata ture, garuu hamma bishaan tokko bira ga’anitti” (Lakk 35) hin cuuphamne ture. NamichisBishaan kunooti akka ani hin cuphamneef maaltu na dhowa?” jedhe Kanaafis, Lameen isaanii bishaan keessa lixanii Filiphosis isa in cuuphe, bishaanicha keessa yommuu ba’an….. Namichi …. karaa isaa itti fufe gammadaa adeeme.” Asitti hubatamuu kan qabu, Lameen isaanii bishaanichayommuu lixaniiakkasumasyommuu keessaa ba’andha. Namichi nama ga’eessa, isa waa’ee Yesus Filiphoosin itti lalabame sana adda baafatee amanuu isaa fi bishaanicha keessas guutummaa guutuutti lixuu isaati.

 

3. CUUPHAAN MAAL?

 

Yeroo cuuphamnutti guutummaa guututti maaliif bishaan keessa lixuu qabnaa? Bishaan keessatti aka cuuphaan raawwatu waaqayyoo filachuun isaa, dhiifamaa cubbnuf daandii cimaa ta’uu isaa agarsiisuuf. Amantoonnis bubbuu irra fayyuu fi arjummaa waaqayyoo moofaa isaanii akka du’uuf bishaan jalaa in inoolu. Jireenya isa haaraaf bishaan jalaa in ba’u cuuphaa keesatti amantoonni chi’a yesus kristos isa nuuf du’e in fakkaatu. Yesus warra du’an keessaa Akkuma kaafame,isaanis immoo cuuphaadhaanJireenya haagaatti in jiraatu” (Roomaa 6:4) egaa amantoonni ijoollee waaqayyooti, keessi isaanis isatti in gammada. Warren raawwataniifis kennaa guddaa ta’e jireenya bara bara kenna, kunis yommuu yesus biyya lafaa kana gaggeessu in ta’a (W. Luqaas 1:32,33) kana cuuphaan akka baay’ee barbachisaa ta’e, kana tabayuun dirqii miti jechuu dha. Baptism

 

4.MAALIFAN CUUPHAMUU BARBAADE?

 

Cuuphamuun kee barbachisaa dha. Sababni isaas, Akkuma nama hundaa, du’uun kee hin oolu. Beenyaan cubbuu maal akka ta’e ta’e immoo beekna phaawwoosis “banyan cubbuu du’u”(Roomaa 6:23) jedhee dhibbateera waaqayyoon ala immoo, duuncan achumaan hafoo dha. Amanii badaan namaa waa’ee dhimma barbachisaa ta’ee, garuu sana hin jaalatu taanaan yaaduu batbaachu dhiisuu dha. Duutis isaan keessaa tokko. Wal aansoof abchaalomuu qabna. Misiraachoon sun waaqayyoo jireenya bara baraaf nu naqachuu dha. Kunis kennaa jireenyaa kka ta’e ibsa H.Ergamootaa 2fi 3 keessatti, sadarkaalee shaman fayyina argachuuf judhachuu akka qabnu pheexiros nutti hima. Isaanis:- a)Yeseus kritositti fi ergaa isaatti amanuu b). Qalbii diddiirrachuu (Yaada diddirrachuun, waaqayyotti deebi’anii dhiifama gaafachuu) c). Jijjiramun (waaqayyotti deebi’uu) d) Cubbuu ofiif cuuphamuun, yesusiif abboomamu. e) Amantiiin karaa waaqayyoo itti fufuu (H.Ergamootaa 2:27-42, 3:18-21) kakuu isaa waaqayyoo hin dagatu. Akka kifnee hafnus inni hin godhu. Akkuma yesusHomtuu harka abbaa koo keessaa isaa butechuu hin danda’u” (W. yohannis 10:29) jedhetti.

 

5. MAALIFA ABBOOMMII WAAQAYYOOF, ABBOOMMAMUU QABAA?

 

Abboommii waaqayyoof, maalifan abboomu qabaa? Macaafni qulquluun, seera uumamaa hanga muula’taatti waaqayyoo murtaa isaaf gara jabeessa ta’uu isaatti kan nuutti himu, waaqaayyoof abboomamuu fireenyattif abboomauu dhiisuun immoo du’atti in geessa waaqayyoo yoomillee isaa jedhe ta’ee in argama. Noli namoota bara isaa keessa cimoo hin turretti lallabaa (seera uumamaa6) Filannoos qabu turan innis, ergaa Nohitti amananii qalbii diddiirratanii fayyuu ykn amamuu dhiisuun adabamuu tura. Isaanis amanuu, dhiisuu isaaniif adabaman waaqayyoo garuu Yaada isaa hin jijjiirra Nohis akkasuma filannoo bidiruu hojjetate basii irraa ooluu ykn waqaayyoon dhaga’uu dhidu. Nohi Akkuma waaqayyoo isa abboomatti kana hundmaa hojjetee in rawwate” (Lakk.22) sabani isaas in abboomama Waaqayyoo cuphamaa jedhee isaa nu abboome dhiisuun jireenya irra du’afilachuu keeya dha. Namichi mana hidhaa eegu, phaarouloosii fi siilaasiin”Ani akkan fayyuuf maal goochuutu anaaf ta’a?gooftolii ko” (H.Erga mootaa 16:30) jedhee yommuu gaafatatti isaan immooGooftaa yesusitti amaniati in fayyitajedhanii deebii laatan innisa abboomama in cuuphanne. Yesusumti mataan isaa, hin cubban iin iyyuu malee cuuphameera, deebiseeswaaqayyoo duratti waan qajeelaa ta’e akkasitti rawwachuun waan nuuf ta’uuf” (W. maatawos 3:15) jedheera. Nuyi warricibbamtoonni immoo, isaa yesusiilee hin diinsne cuuphamuu dhiisuu dandeenyaaree? Haaluma kanaan, faana isaa hunda hardafuu qabna, karaa hundaan.

 

6. AMMA MAAL YOON RAAWWADHE, MOOTUMMAA WAAQAYYOO KEESSATTI BARA BARAAN JIREENYA GAMMACHUU HIRMAACHUU DANDA’AA?

 

Jireenya bara baraa hirmaachinf, qabxiilla shaman fayyinaaf ibsanaan fudhachuu qaba. Ragaan H.Ergamootaa 10 keesatti waa’ee qornaalewos irratti xiyyeeffatu kun, cuuphaa malee jireenya gaarii jiraachuun akka hin danda’amne nu agarssiisa pheexiroosis qorneelewosin, maqaa yesus kritoosin akka cuuphamuu qabu in abbooma (kk48) cuuphaan, jireehya haaraa gammachuu guddaa qabutti fida jireenyaf kaayoo haaromsee laata addnyaa raafamu kana keessatti, waaqni naga Nagaa in kenna. Abboommii yesus kritos hardofuun, amamuu fi cuuphammn abshaalummaa akka ta’e hunbattee? Beectee yoo raawiktte eebbi si in eegaa ! yericha yesus mootummaa isaa hundeessuuf deebi’ee dhufu, waaqayyoo jireenya hin dhamna si eebbisa. Beenyaan nama cubbuu hojjetuu dha. Kennan waaqayyoo, inni kristos crooftaa keenya wajjiin tola keennanu garuu jireenya bara baraati

 

 

KUTAA LEEN MACAAFA QULQULLUU MARTI NARREEFFAMA KANA IRRATTI EERAMAN “HIIKAA HAARAN” ARRAA BUDATAMAN.

 

Barsiisa macaafa qaulqullKrisitositti Obbolaawaaniicaalaatti beekuu/hadofuu barbaannan, nu quunnamuudandeesu

 

Kristositti Obboleewwan Lakk.

Sand Poostaa 573

Naqamtee

Itoophiyaa

 

http://www.cbm.org.uk/wp-content/uploads/2018/01/baptism.pdf